Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jabinni dhugaa jabina qaamaa akka hin taane yookaan isa namoota biroo humna qaban wallaansoon injifatu akka hin taane ifa galchani, dhugumatti humna qabeessi jabaan isa yeroo dallansuuun isatti jabaatutti lubbuu isaatti qabsaa'ee isii injifateedha; dandeettii lubbuu isaa to'achuu fi shayxaana injifachuu isaa wanti kun waan agarsiisuuuf.