Nabiyyiin -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaannan namoota bulchiinsa isaanii jala jiran, murtoo isaanii jala jiranii fi maatii isaanii gidduutti haqaa fi dhugaan murteessan guyyaa qiyaamaatti kabajaa isaaniif jecha teessoowwan haalaan ol fuudhamoo ifa irraa uumaman irra taa'u jedhanii himan. Teessowwan kun mirga rahmaanitti argamu, harki Isaa lameenuu -Inni qulqullaa'e- mirgaadha.