Sahaabaan tokko -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara waan isa fayyadu tokkootti akka isa qajeelchan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barbaadee jennaan, isaanis dallanuu dhabuutti isa ajajani, akkas jechuun sababoowwan gara dallaansuutti isa geessan irraa fagaachuu jechuudha, akkasumas yeroo dallansuun isa mudatetti lubbuu isaa to'achuudha, ajjeechaadhaan yookaan rukuttaadhaan yookaan arrabsuu fi waan sana fakkaatan raawwachuun dallansuu isaa keessatti hafuu hin qabu. gurbichi dhaamsa barbaaduu yeroo hedduu irra deddeebi'e, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "Hin dallanin" jechuu malee hoomaa isaaf hin daballe.