Abdullaah bin Umar -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jechuun ni ibsa: Salaata sunnaa Nabiyyii irraa qabadhe keessaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- rak’aa kudhani, isiinis Al-sunan al-rawaatib jedhamtee waamamti, Zuhrii dura rak'aa lama, isii boodas rak'aa lama, Maghriiba booda mana isaanii keessatti rak'aa lama, Ishaa'ii booda mana isaanitti rak'aa lama. Salaata Subhii dura rak'aa lama. Rak'aa kudhan guutte. Salaata jum’aa booda immoo rak’aa lama salaatu.