Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii seera qulqullummaa ibsan, sana irraa: Tokkoffaan: Namni wuduu’a godhatu afuura isaatiin bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii ammas afuura isaatiin baasuudha qabaadha. Lammaffaan: Namni bishaanin osoo hin taane waan akka dhagaa fi waan dhagaa fakkaatun najisa isa irraa bahe ofirraa qulqulleessuu barbaade waan sana watrii godhuu qaba, irra gadi aantin isaa sadii, irra ol aanan isaa immoo waan najisni bahe sun isaan citee iddoon qulqullaa'uniidha. Sadaffaan: Namni hirriiba halkanii irraa ka’e, hanga harka isaa yeroo sadii hanga dhiqutti wuduu'a godhachuuf meeshaa bishaanii keessa harka isaa galchuu hin qabuudha, sababni isaas inni harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha, kanaafuu najisummaa irratti amanuu hin danda'u, sheyxaannis itti taphatee wantoota ilma namaa miidhan ykn bishaan sana balleessan itti fidu danda'a.