Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti salaatonni shanan kan guyyaa fi halkan keessatti dirqama godhamanii fi salaanni jumu'aa torbaan hunda salaatamuu fi woggaa hunda baatii Ramadaanaa soomuun ulaagaa badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuutiin badiiwwan xixiqqoo isaan gidduutti raawwatamte ni haqan jechuudha himan. Badiiwwan gurguddoon akka sagaagalummaa fi farsoo dhuguuti, isiin tawbaan malee hin haqamtu.