Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin yeroo jannataa fi ibidda uumee ka'utti, IJibiriiliin akkas akka jedhe himani: gara jannataatti deemii isii ilaaali, gara isii ilaalee eegaasii deebi'ee, Jibriil ni jedhe: Rabbii koo hoo, jabina keetiinan kakadha, namni tokko isiidhaa fi waan isii keessa jiru qananiiwwan, waan gaarii fi toltuuwwan isii irraa argee isii seenuu jaallatu malee hin dhiisu, isii seenuuf jechas hojjatu malee hin hafu. Eegasii Rabbiin waan jibbamaa fi waan ulfaataa akka waan itti ajajaman hojjachuu fi waan irraa dhoorgaman irraa fagaachuutiin jannata marse; nama isii seenuu fedhe irratti waan jibbamtuu sana darbuun dirqama ta'a. Eegasii Rabbiin ol ta'e booda waan jibbamtuun jannata marseetii ni jedhe: yaa Jibriil! gara jannataa deemii isii ilaali, Deemee gara isii ilaalee, eegasii dhufuun akkas jedhe: Rabbii koo hoo, jabina keetiinan kakadha sababa waan ulfaataa fi waan jabaataa karaa isii irra jiruuf jecha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun sodaadha. Akkasumas Rabbiin yeroo ibidda uumee jedhutti, ni jedhe: yaa jibriil! deemii gara isii ilaali, innis deemee gara isii ilaale, Eegasii jibriil dhufee ni jedhe: Rabbii koo hoo!, jabina keetiinan kakadha namni tokko azaaba, rakkoowwanii fi tuttuqaawwan isii keessa jiru dhaga'ee isii seenuu jibbuun sababoowwan isiitti nama geessan irraa fagaatu malee hin hafu. Eegasii Rabbiin ibidda fedhiiwwanii fi waan mimmi'aawaan marsee karaa isiitti geessus isiidhaan taasisee, eegasii ni jedhe: yaa Jibriil! deemii gara isii ilaali, Jibriilis deemee gara isii ilaalee, eegasii dhufee akkas jedhe: Rabbii koo hoo, jabina keetiinan kakadha dhugaan namni tokkoyyuu isii irraa bilisa akka hin baanee sodaadhee laphee baadheen jira; fedhiiwwanii fi wanti mimmi'aawoon naannawa isii waan marsaniif jecha.