Haati Mu’mintootaa Ummu Salaamaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Rasuulaaf -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himte isheen yeroo biyya Habashaa turtetti, bataskaana - Maariyah jedhamtu - kan ishee keessatti suuraaleen, faayaa fi fakkiiwwan adda addaa kan argitee turte isaanii himte; sana baay'ee ajaa'ibsiifatuuf jecha! Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sababoota fakkiiwwan kanneen kaa’aniif ibsaniiru. Akkas jedhaniin: Isaan keessaa namni gaariin tokko yoo du’e qabrii isaa irratti masjiida itti salaatan ijaaru, suuraalee sanas ni tolchu, Namni waak akkasii hojjatu Rabbii ol ta'e biratti irra badaa uumamaa akka ta'ees ibsaniiru; Sababni isaas gochi isaa gara Rabbii ol ta'etti waan biroo qindeessutti nama geessuuf jecha.