explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Namni waan Rabbiin, maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin ala jiruun kakate dhugaadhaan akka Rabbitti kafare yookaan shaarraksiise himan; kakuun waan isaan kakatame guddisuutti geessa, guddinni daangaa hin qabne kan Rabbii tokkichaa qofaati. Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu -Inni qulqullaa'e-. Kakaan kun shirkii xiqqaa irraayi; garuu yoo namni kakatu waan ittiin kakatu akka Rabbii ol ta'ee guddisutti yookaan isaa olitti guddisa ta'e; yeroo sana shirkii guddoo irraa ta'a.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Kakaan guddisuun haqa Rabbii qofa -inni qulqullaa'e ol ta'e- Rabbii fi maqoowwan isaatii fi sifoowwan isaatiin malee hin kakatamu.
  • Bololii sahaabonni toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu irratti qaban agarsiisa, keessattu badichi kufrii yookaan shirkitti kan rarra'u yoo ta'e.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more