Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsa Qur'aanaa yookaan Hadiisaa isaan irraa geessuutti ajajan, osoodhuma wantichi geeffamu muraasa ta'eellee, akka Aayaa takka tan Qur'aanaa, yookaan Hadiisa tokkooti, ulaagaa waan geessuu fi itti waamu sana beekuutiin. Eegasii banii israa'iil irraa taatewwan isaan mudatte kan shari'aa keenya hin faallessine yoo ta'e odeessuun rakkoo akka hin qabne ifa galchan. Eegasii isaan irratti sobuu irraa sodachisan, namni beekaa isaan irratti sobe lubbuu isaatiif ibidda keessatti mana haa godhatu jedhan.