explain-icon

Explanation

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbaan ijoollee isaa -dhiirotaa fi dubartoota- yeroo umuriin isaanii waggaa torba ta’e akka salaatan isaan ajajuu fi waan salaatuuf isaan barbaachisu barsiisuu akka qabu ibsaniiru. Umriin isaanii waggaa kudhan yoo ga’u ajajni ni dabala, salaataf dantaa dhabiinsi yoo isaan irraa muldhate isaan rukuta, bakka hirriibaa irrattis addaan isaan baasa. ​

explain-icon

Benefits from the Hadith

  • Ijoollee xixiqqoo osoo isaan hin ballaghne dhimma amantii isaan barsiisuudha, sana keessaa inni guddaan waa'ee salaatati.
  • Reebichi adabbiidhaaf malee miidhaaf miti, kanaafuu reebicha haala isaa (daa'imaa) wajjiin walsimu reebuudha qaba.
  • Shari’aan kabaja namaa eeguu fi daandii badiitti geessu hunda cufuuf xiyyeeffannoo kennuudha.
explain-icon

Categories

explain-icon

More ...