Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi tokko yoo dilii hojjatee, wuduu’a tolchee godhatee, eegasii ka'ee niyyaa badii isaa kana irraa towbachuutiin rak'aa lama salaatee, eegasii Rabbiin araarama kadhatee, Rabbiin isaaf dhiisa jechuudha himan. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha Rabbii ol ta’ee kana qara'an: {Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuulee isaanii miidhan Rabbiin yaadatanii, badiilee isaaniitiif araarama kadhatanii fi Rabbiin malee kan badii araaramu hin jiru, haala badii ta’uu isaa beekaniin waan hojjatan irra hin turreedha} [Aali imraan: 135] [Aali Imraan: 135].