explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga muslimoonnii fi yahuudaan wol lolanitti qiyaamaan akka hin dhaabbanne himani, Yoo yahuudichi muslima irraa dhokachuuf jecha dhagaa jalatti dheesse illee; Rabbiin dhagaa dubbachiisee muslima waamaa: booda isaa yahuudaatu jira jechuun, akka muslimni isa ajjeesuuf dhufuuf jecha.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii waan fagoo fi fuulduratti dhufu himuun isaanii akkaataa Rabbiin isaan beeksiseeni, argamuun isaas hafiinsa waan hin qabneedha.
  • Aakhiruzzamaanitti muslimoonni akka yahuudaan lolanii fi sun mallattoolee qiyaamaa irraa ta'uu ibsuudha.
  • Amantaan islaamaa hanga guyyaa qiyaamaatti kan turu ta'uu fi amantaalee hunda irraa ifa galee kan jiraatuudha.
  • Tumsa Rabbiin muslimootaaf diina isaanii irratti taasisuufiidha, sana irraa aakhiruzzamaanitti dhagaan akka dubbatu taasisuudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more