Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e namoota irraa nama falmii jabeessuu fi heddummeessu kan haqa jala butamuu hin qeeballe, falmii isaatiin haqa deebisuu kan yaalu, yookaan haquumaan kan falamu garuu falmii kessatti daangaa darbuun giddu galeessummaa keessaa of baasa, akkasumas beekumsaan maletti kan falamu akka jibbu himani.