Abuu Sa`iid al-Khudrii fi Abu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.” Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim
explain-icon

Ibsaa

Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhukkuba, yaaddoo, gadda, rakkina, balaa, sodaa fi beela irraa wanni muslima mudatu -hanga qoree isa waraantee isa laalessitu gayuutti- sun dilii isaatiif kaffaaraa isaaf ta'ee badii isaa akka isa irraa buusu ibsan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Tola Rabbiin gabroota Isaa mu'umintoota irratti oolee fi irra xiqqaa rakkina isaan mudatuun badii isaanii isaanif dhiisuudhaan rahmata Inni isaanif godhe ibsuudha.
  • Muslimni wanta isa mudateef mindaa Rabbiin irratti herregachaa, akka sadarkaan isaa ol fuudhamee badiin isaa isa irraa haqamuuf jecha waan xiqqoo guddoo isa mudatu irratti obsuudha qaba.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more