“Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”

Abuu Sa`iid al-Khudrii fi Abu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Dadhabbiin, dhukkubni, yaaddoon, gaddii fi miidhaan kamiyyuu muslima tokko hin mudatu, hanga qoree isa waraanu gayuutti Rabbiin sababaa sanaatiin dilii isaa irraa buusu malee.”
Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim

Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhukkuba, yaaddoo, gadda, rakkina, balaa, sodaa fi beela irraa wanni muslima mudatu -hanga qoree isa waraantee isa laalessitu gayuutti- sun dilii isaatiif kaffaaraa isaaf ta'ee badii isaa akka isa irraa buusu ibsan.

  1. Tola Rabbiin gabroota Isaa mu'umintoota irratti oolee fi irra xiqqaa rakkina isaan mudatuun badii isaanii isaanif dhiisuudhaan rahmata Inni isaanif godhe ibsuudha.
  2. Muslimni wanta isa mudateef mindaa Rabbiin irratti herregachaa, akka sadarkaan isaa ol fuudhamee badiin isaa isa irraa haqamuuf jecha waan xiqqoo guddoo isa mudatu irratti obsuudha qaba.

Successfully sent!