Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa dhiqachuu yeroo barbaadu harka isaanii lameen dhiqachuun jalqaban ture, Eegasii akkuma nama salaataf wuduu’a godhatutti wuduu'a godhatan, eegasii bishaan qaama isaanii irratti naqanii, eegasii harka isaanii lameen rifeensa mataa isaanii keessa o'oofan, yeroo bishaan hundee rifeenatti gahee, qaama obaase jechuu yaadanitti bishaan mataa gubbaa yeroo sadii ofitti naqan, eegasii qaama isaanii isa hafe dhiqan. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa bishaan hammaarranna.