Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra du'an arrabsuu fi kabajaa isaanii tuquun haraama ta'uu ibsan, akkasumas haalli kun haalowwan badoo irraa ta'uudha ibsan, hojiilee kheyrii irraa yookaan hojiilee hamtuu irraa isaan (warri du'an) gara waan dabarfatanitti waan gayaniif jecha, arrabni kunis warra lubbuun jiran azaa godha malee warra du'anitti hin gayu.