Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Jibriil waan ollaa isaan irratti deddeebisuu fi ollatti yaaddawuutti ajajuu akka hin dhiisin hin himan, ollaan isa manaan dhihoo, muslimas ta'ee kaafira, firas ta'ee kan biraa, haqa isaa eeguu fi azaa isa gochuu dhabuun, akkasuma tola isatti ooluu fi azaa isaa irratti obsuun, haqa ollaa guddisuu fi Jibriil sana irra deddeebi'uu irraa kan ka'een hanaga Nabiyyiin -Rabbiin raahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wahyiin qabeenya ollaa isaa kan booda du'a isaatii bakka isaa bu'u isaaf kennuutti ajajuun bu'a jedhanii yaadanutti.