Ibnu Abbaas irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaalatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ganama guyyaa Aqabaa haala gaala isaanii irratti ta'aniin akkana jedhan: "Dhagaa xixiqqaa akka cirrachaa naaf guuri" dhagaa torba xixiqqan isaanif guure, isaanis dhagaa xixiqqaa akka dhagaa quba lameenin darbataniiti, eegasii isaan(Rasuulli) dhagaalee sana harka isaanii keessatti raasaa akkana jedhan: "fakkaattota isaan kanaatiin darbadhaa", eegasii ni jedhan: "Yaa ormana! amantii keessatti daangaa dabruu irraa fagaadhaa, baraa dhugumatti warri isin dura turan wanni balleesse amantii keessatti daangaa dabruudha". Sahih/Authentic. - Ibn Maajah
explain-icon

Ibsaa

Ibnu Abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- hajjii dhaammannaa keessatti guyyaa qalmaa ganama yeroo Jamraa al-aqabaa darbatan Nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka ture hima, Dhagaa xixiqqaa boolla itti darbatan ofii isaanitiif guurutti isa ajajan, innis dhagaa xixiqqaa torba isaanif guure, tokkon isii irraa ta'e hanga firii shunburaati, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isii harka ofii keessa kaa'aniiti isii sochoosanii akka jedhan: Fakkaataa isiitiin darbadhaa, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota amantii keessatti daangaa darbuu irraa akeekkacchiisanii, amantii keessatti daangaa darbuun ummatoota amma dura darban akka balleesse himan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Amantii keessatti daangaa darbuu irraa dhoorguu, booddeen isaa akka hamtuu taate fi inni sababaa halaakaa akka ta'e ibsuudha.
  • Dogoggoroota isaan raawwatan irraa fagaachuuf jecha ummatoota irraa warra dabraniin gorfamuun akka barbaachiisaa ta'eedha.
  • Sunnaa hordofuu irratti kakaasuudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more