Sahaabonni halkan tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turan, isaan gara ji'aa - halkan kudha afraffaa- ilaalanii, akkana jedhan: Mu’umintoonni Rabbii isaanii arguu keessatti osoo waan biraatti hin fakkaatin, osoo ofii isaanitii wal hin rakkisin, osoo cinqii fi rakkoon tokko isaan hin mudatin arguuf taa'an. Eegasii Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: Sababoota salaata fajrii fi asrii irraa isin dhoorgan muruu yoo dandeessan hojjadhaa, isaan lameenuu guutuu haala ta'aniin yeroo isaanitittii fi jama'aa waliin salaataa, sun sababoota fuula Rabbii ol ta'ee ittiin ilaaltan keessaa isa tokkoodha. Eegasii Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa tana qara'an:- {Osoo aduun hin bahinii fi osoo isheen hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}.