explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama dide malee hundi ummata isaanii jannata akka seenan himani. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhan: Eenyu inni didu yaa Ergamaa Rabbii?! Namni ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jala butamee, isaan hordofee fi isaaniif ajajamee jannata seena, namni isa faallesse kan shari'aan hin bulle immoo hojii isaa badduudhaan dhugaan jannata seenuu didee jira jedhanii deebii isaaniif kennan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Ergamaadhaaf ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiif ajajamuu irraayi, isaan faallessuun Rabbiin faallessuu irraayi.
  • Nabiyyiif ajajamuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jannata dirqama gooti, isaan faallessuun immoo ibidda dirqama gooti.
  • Ummata tana irraa worra Rabbiif ajajamaniif gammachuutu jira, hundi isaaniituu jannata seenu, nama Rabbii fi eErgamaa Isaa faallesse malee.
  • Ummata isaaniitiif laphee baachuu isaaniitii fi qajeeluma isaanii irratti bololuu isaaniitu hadiisicha keessa jira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more