Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhugumatti jecha tawhiidaa hiika isii beekee akeeka isitti hojjataa haala ta'een dubbate, Nabiyyii Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta’uu isaanii namni ragaa bahe, akkasumas Iissaan gabrichaa fi ergamaa Rabbii ta'uu isaa, Akkasumas Rabbiin jecha Isaa "kun" jechuun akka isa uumee inni argame, ammas inni hafuurota Rabbiin isaan uume keessaa hafuura tokko akka ta'e namni amane, Akkasumas waan yahudoonni ishee irratti himan irraa haadha isaa bilisa kan baase. Akkasumas jiraachuu isaan lameenitii fi isaan lameen qananii Rabbiitii fi adabbii Isaa ta'utti amanaa haala ta'een namni Jannanni haqa, Ibiddi haqa, jedhee ragaa bahe, Sana irrattis du'e; osoo ibaadaa keessatti hanqina qabaatee badillee qabaatee deebiin isaa akka gara jannataa ta'e nuuf himan.