explain-icon

Explanation

Sahaabaan tokko -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara waan isa fayyadu tokkootti akka isa qajeelchan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barbaadee jennaan, isaanis dallanuu dhabuutti isa ajajani, akkas jechuun sababoowwan gara dallaansuutti isa geessan irraa fagaachuu jechuudha, akkasumas yeroo dallansuun isa mudatetti lubbuu isaa to'achuudha, ajjeechaadhaan yookaan rukuttaadhaan yookaan arrabsuu fi waan sana fakkaatan raawwachuun dallansuu isaa keessatti hafuu hin qabu. gurbichi dhaamsa barbaaduu yeroo hedduu irra deddeebi'e, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "Hin dallanin" jechuu malee hoomaa isaaf hin daballe.

explain-icon

Benefits from the Hadith

  • Dallansuu fi sababoowwan isaa irraa baqachiisuudha, isatu walitti qaba hamtuuti, isa irraa eeggachuun walitti qaba toltuuti.
  • Yeroo dhoorgaan Rabbii cabsame Rabbiif jecha dallanuun dallansuu faarfamaa irraayi.
  • Yeroo barbaachisaa ta'etti haasaa irra deddeebi'uu hanga namni dhaggeeffatu hubatee barbaachisummaa isaa barutti.
  • Sadarkaa beekaa irraa dhaamsa barbaaduun qabuudha,
explain-icon

Categories

explain-icon

More ...