Sahaabaan guddichi Abdullah bin Khubayb, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jechuun gabaase: Halkan rooba baay’ee fi dukkana cimaa keessa, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akka isaan salaachisaniif barbaaduuf ba’an,isaanis isaan argatan, Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkana jedhaniin: "Jedhi", jechuunis qara'i(dubbisi) jechuudha, garuu inni homaa hin dubbisne, Nabiyyiinis, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu , irra deebi'anii dubbisi jedhaniin, Abdullahis akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii maalin dubbisa? Eegasii Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: Suuraa Al-Ikhlaas {Jedhi Inni Rabbii Tokkicha} fi suuraa lamaan mu'awwizateyn{Jedhi ani Rabbii uumaatti maganfadha} fi{ Jedhi ani Gooftaa namootatti maganfadha}, yeroo galgalaa fi ganamaa, yeroo sadii yoo jette, isaan hamtuu fi balaa hinda irraa si eegan.