Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan harka isaa kan bitaatiin nyaatu arganii, harka isaa kan mirgaatiin akka nyaatu ajajan, Namichis of tuulummaa fi sobaaf jecha hin danda'u jedhee isaanif deebii kenne! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka mirgaatiin nyaachuu irraa akka hoongeffamu isa irratti du'aa'ii godhan. Rabbiin kadhaa Nabiyyii Isaa kan akka harki isaa kan mirgaa laamshoftu kadhatan isaanif qeebalee, namichi sun sana booda nyaataan yookaan dhugaatiin harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.