Abdullaah ilma Abbaas irraa akka odeeffametti Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Rabbiin akkuma dirqamni isaa hojjatamuu jaallatutti wanti inni laaffisees hojjatamuu jaallata". Sahih/Authentic. - Ibn Hibbaan
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin salphifamuu murtoowwanii fi ibaadowwan keessa jiru irraa laafinsi isiin Inni karaa godhe hojjatamuu akka jaallatu himani, nama dirqamni isa irra kaa'ame irratti isii keessatti sababaadhaan laaffisuu -akka imala irratti salaata gabaabsuu fi wolitti qabuufaa-, Akkuma wantoota dirqama ta'an irraa dirqamni Isaa hojjatamuu jaallatutti; waan ajajni Rabbii dirqamaa fi laafiinsa keessattis tokko ta'eef jecha.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Rahmata Rabbiin ol ta'e gabroottan isaatiif oolee fi Inni dhugumatti laafinsa irraa waan karaa godhe hojjachuu akka jaallatuudha.
  • Guutummaa shari'aa kanaa fi muslima irraa rakkina kaasuudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more