Sahaabichi Jariir bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- wantoota kanneen irratti akka ahdii seene hima: Rabbiin tokkochoomsuu, salaata dirqamaa shanan halkanii fi guyyaatti ulaagaa fi ruknowwan, dirqamoota isiiti fi sunnaa isii eeggatee salaatuu, zakaa dirqama tahe kafaluu, isiinis ibaadaa qabeenyaa tan dirqamaati, dureeyyii irraa fuudhamteeti hiyyeeyyii fii namoota biroo kan isii haqa godhataniif kennamti, akkasumas moototaaf tole jechuu fi hunda muslimaatif gaarii yaaduudha, innis isa fayyaduu irratti bololuu, kheyrii isatti geessuu fi jechaa fi gochaan hamtuu isa irraa deebisuudha.