Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- mushrikootan lolutti Rabbiin akka isaan ajaje himan, hanga isaan Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan hin jiruu fi Muhammadiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ergaan ragaa bahanii, halkanii fi guyyaa keessatti salaata shanan irratti eeggachuu fi zakaa dirqamaa warra isii haqa godhataniif kennuu irraa waan ragaan kun barbaadu irratti hanga hojjatanitti. Wantoota kanneen yoo raawwatan Islaamummaan dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii ni tiksa; kanaafuu isaan ajjeesuun hin hayyamumu, yoo yakka ykn badii cimaa akka seera islaamummaatti isa irratti ajjeefamuu haqa godhatan raawwatan malee, eegasii guyyaa qiyaamaatti Rabbii ol ta'e kan iccitii isaanii beekuutu isaanii qorata.