Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbii guddaa mu'umintoota irra jiruu fi kaafiraa waliin haqummaa Rabbiin qabu ibsani. Mu'uminni immoo mindaan toltuu inni hojjatee hin hir'ifamu; inumaayyuu mindaa aakhiraatti ol isaaf kaa'amu waliin ajajamuu isaatif jecha isiidhaan duuniyaa irratti toltuun kennamaaf; mindaan isaa hunduu aakhiraatti ol isaaf kaa'amuunis ni mala. Kaafira immoo mindaa waan inni hojjatee toltuuwwan duuniyaatiin Rabbiin isaaf kenna, yeroo gara aakhiraatti ce'e immoo isii keessatti mindaan inni isiin mindeeffamu hin jiru; sababni isaas namni hojii gaarii ganda lameenitti nama fayyadu hojjatu mu'umina ta'uun isaa waan dirqama ta'eef jecha.