Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama namaaf rahmata hin goone Rabbiin ol ta'e rahmata akka isaaf hin goone ibsan, gabrichi uumamtootaaf rahmata gochuun sababaawwan guddoo ittiin rahmata Rabbii ol ta'ee argatan irraayi.