Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota qabeenya muslimootaa haqaan maletti akka fedhan godhan, karaan malee kan fudhatan dubbatan, kun qabeenya karaa eeyyamameen alatti walitti qabuu, isa hojjachuu fi iddoo sirrii hin taane keessatti isa baasuu keessatti murtoo wolii galaati, qabeenya yatiimotaa nyaachuun, qabeenya woqfii balleessuun, amaanaa waakkachuu fi haqaan maletti qabeenya walii galaa irraa fudhachuun sana keessa ni gala. Eegasii mindaan isaanii guyyaa qiyaamaatti ibidda akka ta'e Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himani.