Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha liqaan namootaa waliin hojjatu yookaan beellamaan isaanitti gurguru irraa dubbatan, Ilma isaa kan liqaa namoota bira jiru sassaabuun akkas jedha ture: Yeroo nama waa liqeeffatee rakkina isaa irraa waan liqaa ittiin kaffalu hin qabne "irra isaaf darbi" yookaan isaaf tursiisuun, akkasumas gafachuu keessatti isatti jabeessuu dhabuun, Yookaan hirdhuu yoo ta'ellee waan inni qabu qeebaluuni, sun kaka'umsa isa irraa ta'ee fi Rabbiin irra isaaf darbuu fi isaaf dhiisuu kajeeluudhaaf jecha. Yeroo inni du'e Rabbiin isaaf dhiisee badiiwwan isaa irra isaaf darbe.