Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibiddi haraama hojjachuu irraa yookaan dirqama keessatti hirdhisuu irraa wantoota lubbuun feetuun haguugamtee marfamtee akka jirtu ifa galchan. Namni sana keessatti lubbuu isaa fedhii isii hordofsiise ibidda haqa godhate. Jannanni wantoota lubbuun jibbituun haguugamtee marfamtee jirti, sun akka wantootii itti ajajaman irratti ragga'uu, wantootii haraama ta'an dhisuu fi isa irratti obsuudhaati, yoo isii weeraree sana irratti lubbuu ofiitti qabsaa'e jannata seenuu haqa godhate.