Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti tokkoo sababoowwan walitti hariiroo giduu mu'umintootaa cimsituu fi tan jaalala gidduu isaaniitti facaaftu ibsan, innis namtichi yeroo obboleessa isaa jaallatetti akka isa jaallatu isatti haa himu jechuudha.