Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- addunyaan yeroo dhandhaman mi’ooftuu akka taate fi yeroo ijaan ilaalan magariisa akka taate ibsan, kanaafuu namni isiin gowwoomfamee, isii keessa achi kutee isii irra guddaa yaaddoo isaa taasifata. Akkasumas Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- addunyaa tana keessatti garii keenya garii irraa bakka buuse, nuti maal akka hojjannu, Isaaf ajajamna moo Isa khallafnaa? nu ilaaluuf jecha. Eegasii akkana jedhan: Duniyaa fi bareedinni isii isin gowwoomsee, waan Rabbiin itti isin ajaje dhiisuu fi waan Rabbiin irraa isin dhoorge keessa bu'uu irratti akka isin hin kaafne of eeggannoo godhaa. Qorumsa addunyaa keessaa irra guddaan waan irraa of eeggannoo gochuun dirqamaa keessaa qorumsa dubartootati, innis qorumsa jalqabaa kan ilmaan israa'eel keessatti argamanii akka ta'e ibsaniiru.