Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka Rabbiin humna qaamaa torba irratti sujuudutti isaan ajaje ibsan; isheenis: Tokkoffaa: Kallacha (adda): isheenis kutaa fuulaa tan funyaani fi ija lameen gubbatti argamtuudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka isaanitiin gara funyaan isaanii akeekuun, kallachii fi funyaan humna torban sana irraa humna tokko akka ta'an ibsan, namni sujuudu funyaan isaatiin lafa tuquudha qaba jechuu gad jabeessuuf jecha. Humni lammaffaa fi sadaffaan: harka lameeni. Afraffaa fi Shanaffaan: Jilba lameeni. Jahaffaa fi Torbaffaan: qubbeen miila lameeniiti. Yeroo dachii irratti sujuudnu akka lafa hin tuqne eeguudhaaf jecha rifeensa keenya ol qabachuu dhabuutti, ykn uffata garii isaa garii irratti ol sassaabbachuu dhabuutti nu ajajaniiru, inumaayyuu humnoolee toban sanaan lafa tuquudhaan akka sujuuda gootuuf jecha isa gadi lakkisuudha qabna.