Namichi wohii waan lama kan jannata seenuu dirqama taasisanii fi kan ibidda seenuu dirqama taasisan maali jedhee Nabiyyii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Akkas jechuun isaanis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaaf deebisan: wanti jannata dirqama taasisu ilmi namaa haala Rabbiitti homaa hin qindeessineen Isa qofa osoo gabbaruu du'uudha, Wanti ibidda dirqama taasisu immoo ilmi namaa haala Rabbitti qindeessuun haala inni gabbarummaa isaa keessatti yookaan gooftummaa Isaa keessatti yookaan maqoowwanii fi sifaatowwan Isaa keessatti Isaaf fakkaataa fi hiriyaa taasisuun du'uudha.