explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa islaamummaatti seenuun qabu ibsani, Dhugumatti namni qulqulluu fi nama dhugaa ta'ee islaamummaan isaa tole; badii irraa waan jaahiliyyaa keessatti (islaamummaatti osoo hin dhufiniin duratti) hojjateef hin herregamu, Namni islaamummaa keessatti balleesse munaafiqa ta'uun yookaan amantaa isaa irraa deebi'uun, waan kufrii fi islaamummaa keessatti hojjateef herregama.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Hojiiwwan jibbamaa jaahiliyyaa keessatti isaan irraa argameef Xiyyeeffannoo kennuu sahaabotaa fi sodaa isaaniiti -jaalalli Rabbiin isaan irra haa jiraatu-.
  • Islaamummaa irratti gadi dhaabbachuutti kakaasuudha.
  • Sadarkaa islaamummaatti seenuun qabuudha, inni dhugumatti hojiiwwan darban ni haqa.
  • Namni islaamummaa irraa garagalee fi munaafiqni, hunda hojii isaa jaahiliyyimmaa keessatti darbeef ni herregama, akkasumas hunda badii islaamummaa keessatti hojjateefis.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more