Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e suuraa gabrootaa fi qaama isaanii, isiin bareedduudha moo yookaan fokkattuudha? isiin guddoodha moo yookaan xiqqoodha? isiin fayyaadha moo yookaan dhukkubsattuudha? jedhee akka hin ilaalle ifa galchan. Akkasumas qabeenya isaani, isiin hedduudha moo yookaan muraasa? jedhee hin ilaalu Rabbiin injifate ol ta'e gabroottan Isaa wantoota kanaa fi isaan keessatti wal caaluu isaaniitiin isaan hin herregu, garuu kan ilaalu gara qalbii isaaniitii fi taqwaa, yaqiina, dhugummaa fi ikhlaasa isii keessa jiru ilaala, yookaan argisiifannaa fi na haa dhaga'anii fedhe moo maal fedhe jechuu ilaala, akkasumas hojii isaanii gaarii ta'uu fi badaa ta'uu isii ilaala, isii irratti mindaa fi ajriis kenna.