Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan Rabbiif ta’uu qabu waan biraatiif godhe, sun akka waan biraa Rabbiin alatti kadhachuu, yookaan Rabbiin alatti waan biraa irraa dirmachuu barbaaduuti, ergasii sana irratti kan du’e, inni warra Ibidda irraa ta'a. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- itti dabaluudhaan, namni waa tokko osoo Rabbitti hin dabalin du’e, hireen isaa Jannata ta’a jedhe.