Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-Rabbiin waan hundaaf tola ooluu nurratti dirqama akka godhe himan, tola ooluun: walitti fufiinsaan, ibaadaa isaa fi toltuu uumamtootaaf gumaachee hamtuu isaan irraa qabuu keessatti Rabbiin ofirratti too'achuudha, sana keessaa gorraasuu fi ajjeesuu keessatti tola ooluudha. Yeroo gumaa baasanitti ajjeechaa keessatti tola ooluun: karaa irra laafaa, irra salphaa fi dhiiga nama ajjeefamuu buusuu keessatti irra ariifachiisaa ta'e filachuudha. Qalma keessatti tola ooluun yeroo gorraasuutti ta'a: meeshaa ittiin gorra'amu qarsuun horiif rahmata ooluni, horiin gorra'amtu osoo isiin ilaaltuu meeshaan ittiin gorra'amu qarfamuu dhabuuni, akkasumas osoo horiin biraa kan ilaaltu bira jirtuu gorra'uu dhabuuni.