Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa shari'aan Muhammad isaan dhufteen namoota giddutti akka murteessuuf jecha bu'iinsi Iisaa ilma maryam -nageenyi isa irratti haa jiraatu- dhihaachuu irratti kakatan, Fannoo (masqala) kiristaanonni kabaju akka cabsu himaniiru. Iisaa -nageenyi isa irratti haa jiraatu- karkarroo akka ajjeesus himaniiru. Akkasumas Inni -nageenyi isa irratti haa jiraatu- gibira ni murteessee namoonni hundi akka amantii islaamaa qabatan taasisa. Maallaqnis ni dhangala'a namni tokkolleen isa hin fudhatu; Kunis baay’ina isaatii fi namni hundinuu wahuma harka isaa keessa jiruun duroomuuf jechaadha, akkasumas barakaa buutee kheyriin adda addaa wal duraa boodaan dhufuuf jechaadha.