Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabrichi Rabbii fi guyyaa dhumaa isa deebiin isaa gara isaatti ta'ee fi isa isa keessatti hojii isaatiin mindeeffamutti amane, iimaanni isaa wantoota kana hojjachuutti isa kakaasa jechuudha ibsan: Tokkoffaan: jecha gaariidha: sun akka subhaanallaa jechuu, laa ilaaha illallaah jechuu, toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu fi namoota gidduu wolitti tolchuuti, kana yoo hin hojjanne haa callisuu, hamtuu isaas haa saassaabbatu, arraba isaas haa eeggatu. Lammaffaan: ollaa kabajuudha: tola isatti ooluu fi azaa isa gochuu dhabuun. Sadaffaan: keessumaa ziyaaraa keetiif dhufu kabajuudha: haasawa toluun, nyaata nyaachisuu fi kan sana fakkaataniin isa kabajuudha.