Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manneen akka qabrii isii keessatti hin salaatamneetti salaata irraa ona taasisuu irraa dhoorgan. Akkasuma qabrii isaanii deddeebi'anii ziyaaruu fi isa biratti akkaataa baratamaa ta'een wolitti qabamuu irraa dhoorganiiru; waan sun karaa shirkiitti nama geessu ta'eef jecha. Akkasuma dachii keessatti iddoo kamittuu rahmataa fi nageenya isaan irratti buusuutti ajajan, dhugumatti sun dhihoos ta'ee fagoo irraa battaluma tokkotti waan isaan qaqqabuufi, kanaafuu qabrii isaanitti deddeebi'uuf dhimmi hin jiru.