explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadaqaan qabeenya akka hin hir'ifne ifa galchani, inumaayyuu balaa abbaa isii irraa ittifti, Rabbiin abbaa isiitiif toltuu guddaadhaan bakka buusa, kanaafuu hir'ina osoo hin taane dabalata taati. Haaloo ba'uu danda'uu waliin yookaan abbaa isaa adabuu danda'uu waliin dhiifama gochuun humnaa fi injifannoo malee homaa hin dabalu. Namni tokkoyyuu sodaaf, fakkeessaa fi bu'aa wohii irraa barbaaduuf kan hin taane fuula Rabbiitiif jecha of gadi qabee of xinneesse taanaan, mindaan isaa olaantummaa fi kabajaa ta'u malee hin hafu.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Toltuu fi milkiin shari'aa hojii irra oolchuu fi khayrii hojjachuun argama, namni gariin faallaa kanaatiin argama jedhee yaadullee.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more