Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti Rabbitti amanuuf jecha, dirqamummaa soomaa, gatii guddaa fi mindaa irraa waan Rabbiin ol ta'e worra soomaniif qopheesse dhugoomsuuf jecha, haala fuula Rabbii ol ta'ee kajeelaa ta'een, kan argisiifannaa fi na dhaga'aan keessa hin jirre namni ji'a Ramadaanaa soome badiiwwan isaa kan darban isaaf dhiifaman jechuudha himan.