Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himan Dhugumatti firooma fufuu fi firatti tola ooluu keessatti namni guutuun nama toltuu toltuun deebisuu miti, Dhugumatti firooma fufaan kan firooma fuufuu keessatti guutuu ta'e isa yeroo firoomni isaa muramte isii fufuudha, yoo isatti balleessanillee; inni immoo isaanitti tola ooluun isaaniif deebisa.