Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin murtoo uumamtootaa waan argamuuf taa'u jireenya, du'a, rizqii fi wantoota kana fakkaatan kan biraa irraa adda babaasee lawhal mahfuuz(luuhii tikfamaa ta'e) irratti samiiwwanii fi dachii osoo hin uumin woggaa kuma shantamaan duratti akka barreessee jiru himan, isiin akkaataadhuma Rabbiin ol ta'e isii murteesseen argamtuudha. Wanti ta'u hundi murtoo Rabbiitii fi qadara isaatiin ta'a, Wanti gabricha tuqe isa dhabuu hin danda'u, wanti isa dhabe immoo isa tuquu hin danda'u.