Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qabrii isaanii akka xaa'ota namoonni isa guddisuu fi sujuuda keessatti isatti garagaluun isa gabbaru akka hin taasifne Rabbiin kadhatan, eegasii akka Rabbiin nama qabrii anbiyootaa masjida taasifate rahmata isaa irraa fageessee fi ari'e himan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan isii masjiida taasifachuun gara isii gabbbaruu fi isiitti amanuutti nama geessuuf jecha isii masjiida taasifatuu irraa dhoorgan.