Ubadaa bin Saamit irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru”. Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- suuraa faatihaa qara'uun maletti salaanni akka fayyaa hin taane ibsan, isiin rak'aa hunda keessatti ruknii tokko kan ruknoowwan salaataa irraa ta'eedha.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Faatihaa qara’uu osoo danda'u, yoo dhiise wanti biraa irraa bakka bu'uu hin danda'u.
  • Beekkan dhiisus ykn wallaalaan ykn dagatee dhiisus rak’aan faatihaan keessatti hin qara’amin sirrii miti; sababni isaas isiin waan ruknii taatef jecha, ruknoowwan gonkuma hafuu hin danda'an.
  • Faatihaa qara'uun nama imaama hordofu irraa ni kufa, yoo imaamaa rukuu'a irra jiruu dhaqqabate.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more